🚀 Marii Paanalii Milkaa’aa: Mul’ata Smart TVET fi Green Park

Marii Paanalii piroojektii “Green Park” fi “Smart TVET” Kolleejjii Poolii Teeknikaa Booree milka’inaan gaggeeffameera.

📌 Qabxiilee Ijoo:
👤 Marii kana bakka bu’aa Bulchaa Aanaa Booree Obbo Baqalee Biree fi Diinii Kolleejjii keenyaa Obbo Shifarraa Saafoyii tiin gaggeeffame.

🤝 Leenjistoonni, Hojjattoonni kolleejjichaa, Manajimeentii Waajjira Daldalaa, CHU, fi Investimantiin hirmaannaa olaanaa taasisaniiru.

📈 Seenaa bara 2000 (Leenjifamtoota 45) kaasee hanga har’aa (15,007) galmeessine bu’uura godhachuun, kolleejjii keenya giddu-gala teeknooloojii fi aadaa gochuuf waliigallameera.

💰 Hirmaattonni milkaa’ina piroojektichaaf hirmaannaa maallaqaa fi waadaa ogummaa taasisaniiru.

🍲 Xumura irratti hojjattoonni keenya nyaata aadaa qopheessuun afeerii miidhagaa taasisaniiru.

Tokkummaa fi kutaannoo kanaan piroojektii keenya gara dhugaatti ni jijjiirra! 💪

2 thoughts on “🚀 Marii Paanalii Milkaa’aa: Mul’ata Smart TVET fi Green Park”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Related Post

Mata-duree: Kitaaba TVET360: Iccitii Milkaa’ina Ogummaa Jarmaanii fi Kooriyaa Kibbaa Baradhu!Mata-duree: Kitaaba TVET360: Iccitii Milkaa’ina Ogummaa Jarmaanii fi Kooriyaa Kibbaa Baradhu!

Qabiyyee: Leenjiin Teeknikaa fi Ogummaa (TVET) madda guddina dinagdee biyya tokkooti. Akkaataa biyyoonni guddatan kanneen akka Jarmaanii fi Kooriyaa Kibbaa sirna TVET isaanii itti ijaaran beekuun, nuufis barumsa guddaadha. Kitaabni