Hundi keenya jireenya keenya keessatti milkaa’aa ta’uu barbaanna. Garuu, maaliif namoonni muraasni baay’ee milkaa’oo yoo ta’an, baay’een keenya immoo galma keenya ga’uuf qabsoofna? Milkaa’inni carraa qofaa miti; amaloota guyyaa guyyaan namoonni milkaa’oon itti fayyadaman irraa maddaa.
Namoonni akka Elon Musk, Bill Gates, ykn namoonni milkaa’oon naannoo keenya jiran amaloota gurguddoo armaan gadii kanaan of ijaaru.
1. Kaayyoo Ifa Ta’e Qabaachuu (Clear Vision)
Namoonni milkaa’oon eessa akka ga’an beeku. Kaayyoon isaanii sammuu isaanii keessatti qofa osoo hin taane, waraqaa irratti barreeffamee jira. Galma waggaa, ji’aa fi torbanii qabu. Bakka itti deemtu yoo hin beekne, karaa hundi sirrii sitti fakkaachuu danda’a; namoonni milkaa’oon garuu kallattii isaanii hin gatan.
2. Bulchiinsa Yeroo (Time Management)
Yeroon qabeenya deebi’ee hin dhufe dha. Namoonni milkaa’oon yeroo isaanii akka maallaqaatti qusatu. Hojiiwwan faayidaa hin qabne irratti yeroo gubuu mannaa, hojiilee galma isaaniitti isaan dhiyeessan dursa (Priority) kennu. Akkaataa isaan yeroo isaanii itti fayyadaman namoota kaan irraa adda isaan taasisa.
3. Dubbisuu fi Barachuu Hin Dhaaban
Milkaa’inni barumsa idileetiin (degree) qofa hin xumuramu. Namoonni milkaa’oon guyyaa guyyaan dubbisu. Addunyaan yeroo hunda jijjiiramaa waan jirtuuf, isaanis dandeettii isaanii update gochuu hin dhaaban. Beekumsi humna dha, namni beekumsa qabu immoo dorgomaa hin qabu.
4. Kufaatii Akka Barumsaatti Ilaaluu
Namoonni hedduun kufaatii ni sodaatu, milkaa’oon garuu kufaatii akka tarkaanfii itti aanutti itti fayyadamu. Inni nu caale kufuu waan dhiiseef osoo hin taane, yeroo kufe hunda deebi’ee ka’uun maal akka kuffise barateef dha. Milkaa’inni dhuma irratti kufaatiiwwan baay’ee booda dhufa.
5. Hirriba Ganamaa (Early Rising)
Namoonni milkaa’oon addunyaa kanaa baay’een isaanii ganama sa’aatii 11:00 ykn 12:00 irratti hirribaa ka’u. Yeroo addunyaan hundi rafaa jirtutti, isaan karoora guyyaa isaanii baafatu, ispoortii hojjetu, ykn dubbisu. Kun guyyaa isaanii irratti “advantage” ykn dursa guddaa isaaniif kenna.
6. Jabaatanii Hojjechuun (Persistence)
Dandeettii (Talent) qabaachuun qofti gahaa miti. Jireenya keessatti namoota dandeettii guddaa qabanii garuu hin milkaa’in baay’ee arguun ni danda’ama. Wanti nama milkaa’aa adda taasisu hamma xumurutti jabaatee dhaabbachuu isaati. “Work hard in silence, let your success be your noise.”
7. Namoota Gurguddoo Waliin Hiriyoomuu
Amalli kee fakkii hiriyoota kee shanan ati yeroo baay’ee waliin dabarsituuti. Namoonni milkaa’oon namoota isaan kakaasan, yaada haaraa qaban, fi isaan caala beekumsa qaban waliin yeroo dabarsu. Hiriyummaan kee gadi si harkisa ykn ol si dhiiba; isaan filannoo isaanii irratti of eeggannoo guddaa taasisu.
Xumura
Milkaa’inni amala kee jijjiiruu irraa jalqaba. Amaloota kana guyyaa guyyaan jireenya keetti yoo dabalte, ati oolee bulee nama milkaa’aa addunyaan hundi dinqisiifatu ta’uun kee hin oolu. Bore Polytechnic keessattis ta’e jireenya kee dhuunfaa keessatti, kaayyoo kee irratti cichi!
