Youth Development Forum 2026
Waa’ee Sagantichaa
Waltajjiin Misooma Dargaggootaa Idil-addunyaa (Youth Development Forum 2026) magaalaa Berlin, Jarmanitti Caamsaa (May) 7 hanga 10, 2026tti ni gaggeeffama. Sagantaan guyyoota afur turu kun barattoota, hoggantoota dargaggootaa fi ogeessota biyyoota 150 ol irra dhufan walitti fiduun dhimmoota hoggansaa, nagaa, jijjiirama qilleensaa, teeknoolojii fi misooma dargaggootaa irratti ni mari’ata.
Bu’aawwan Sagantichaa
- Tikeetii Xiyyaaraa: Deebii fi dhaqaa (round-trip) kaffaltii malee ni kennama.
- Teessuma: Hotel qulqullina sadarkaa 4 qabu keessa guyyaa 4 fi halkan 3f bultii bilisaa.
- Nyaataa fi Dhugaatii: Guyyoota sagantichaa keessatti nyaataa fi cireen ni dhiyaata.
- Hirmaannaa : Sagantoota fooraamichaa, barnootaa fi weerkshoppii hunda irratti hirmaachuuf hayyama guutuu qabdu.
- Waraqaa Ragaa: Waraqaa ragaa seeraa kan “Center for Global Dialogue & Leadership (CGDL)” bilisaan isiniif kennama.
- Meeshaalee: Meeshaalee konfiraansii (Delegate kit) ni kennama.
- Daawwannaa: Bakkeewwan seenaa fi diploomaasii magaalaa Berlin ni daawwatama.
- Deeggarama Viizaa: Xalayaa deeggarsaa dabalatee tajaajila viizaa guutuu.
- Walitti Dhufeenya: Waltajjiiwwan wal-jijjiirraa aadaa fi ogeessota addunyaa waliin wal-baruuf carraa guddaa uuma.
Ulaagaalee Hirmaannaa
- Umrii: Namoota waggaa 16 hanga 46 gidduu jiran.
- Eenyuufa’i: Barattoota, eebbifamtoota, hoggantoota dargaggootaa, ogeessota, miseensota dhaabbilee miti-mootummaa (NGO), fi namoota hojii hawaasummaa irratti hirmaatan hundaaf banaa dha.
- Barnoota: Digrii addatti barbaadamu hin qabu.
- Qorumsa Afaanii: Qorumsi afaanii (kan akka IELTS) hin barbaachisu.
- Fedhii: Hoggansa dargaggootaa fi dhimmoota hawaasummaa irratti fedhii qabaachuu.
🔗 Linkii Galmee: https://thecgdl.org/ydf2026/


I want to get these opportunity if possible.
Thanks