Bara teeknoolojiin addunyaa keenya saffisaan jijjiiraa jiru kanatti, barnoonni tiyoorii qofaan deeggarame jireenya guutuu gaggeessuuf gahaa miti. Addunyaan har’aa nama “Maal beekta?” jedhu osoo hin taane, nama “Maal hojjechuu dandeessa?” jedhu barbaaddi. Koolleejiin Pooliteeknika Booree ergaa kana bu’uura godhachuun, dhaloota ogummaa harkaa fi beekumsa sammuu walitti qindeeffate ijaaraa jira.
Maaliif “Ogummaan Furtuu Hiyyummaa Ittiin Cabsan” Jenna?
Hiyyummaan kan dhufullee dandeettii dhabuu fi hojii nama biraa eeggachuu irraati. Garuu, namni ogummaa qabu harka isaa keessa furtuu madda galii qaba.
- Hojii Nama Biraa Eeggachuu Irraa Bilisa Ta’uu: Barataan pooliteeknikaa keessatti ogummaa Elektiriikaa, Ijaarsaa, ykn Suphaa Maashinarii barate tokko, eebbifamee harka isaa walitti maree hin taa’u. Inumaa, meeshaa tajaajila kenneen hojii uummatee ofiis jijjiiree nama biroofis carraa hojii uuma.
- Kalaqaa fi Innooveeshinii: Ogummaan nama tokko akka naannoo isaa hubatu fi rakkoo hawaasaa jiru teeknoolojiidhaan akka furu isa gargaara. Suuraa olitti argitan sanatti, barattoonni keenya teeknoolojii ammayyaatti fayyadamanii akkamitti akka waan haaraa uuman arguu dandeessu.
- Gabaa Hojii Keessatti Barbaadamummaa: Warshaaleen, ijaarsawwan gamoo, fi pirojeektonni gurguddoon yeroo hunda nama ogummaa qabu barbaadu. Ogummaa pooliteeknikaa qabaachuun kee gabaa hojii keessatti dorgomaa cimaa si taasisa.
Beekumsi Maaliif Jireenya Qajeelcha?
Ogummaan harka kee yoo sochoose, beekumsi immoo kallattii ati itti sochootu siif qajeelcha. Beekumsa malee ogummaan qofti bu’aa dhumaa hin fidu.
- Ogummaa To’achuu: Beekumsi teeknoolojii fi saayinsii, ogummaa harka keetii akka ammayyeessitu si gargaara.
- Bulchiinsa fi Karoora: Jireenya kee keessatti akkamitti akka guddattu, maallaqa kee akkamitti akka qusattu fi hojii kee akkamitti akka babal’ifattu beekumsa kanaan qajeelfamta.
Waamicha Koolleejii Pooliteeknika Booree Irraa
Koolleejiin keenya bakka itti ogummaan beekumsaan deeggaramee mul’ata keessan dhugoomsu dha. Nuti barsiisuu qofa osoo hin taane, ogummaa jireenya keessan bara baraan jijjiiru isiniif kennina.
- Dhuftanii Akka Nu Daawwattan: Labiraatooriiwwan keenya, workshop-oota keenya fi haala barumsaa keenya arguuf mana keenya koottaa.
- Carraa Galmee: Yeroo hunda galmeen keenya barattoota jijjiirama barbaadaniif banaa dha.
Guduunfaa: > Jireenyi kee har’a bakka jiruun akka hin hafne yoo barbaadde, ogummaa dandeettii kee madaalu horadhu. Yaadadhu: Harki ogummaa qabu hiyyummaaf iddoo hin qabu!
