Leenjiin tiyoorii qofa irratti hundaa’e qabeenya sammuu yoo ta’u, beekumsi gochaan (practical) deeggarame immoo furtuu milkaa’inaati. Guyyaa har’aa Leenjifamtoonni Ogummaa Fayyaa Beeyiladaa Kolleejjii Poolii Teeknikaa Booree gocha addaa fi murteessaa ta’e tokko irratti hirmaatanii oolaniiru.
Erga kutaa keessatti waa’ee dhukkuboota beeyiladaa fi parasites (raammolee) adda addaa baratanii booda, har’a hojii qabatamaa samuda (sample) raammoo hoolaa fudhachuu fi sakatta’uu irratti bobba’anii jiru.
Maaliif Gochi Kun Barbaachise?
Hoolaan naannoo keenyatti madda galii fi nyaataa hangafaati. Ta’us, raammooleen keessoo (internal parasites) fayyaa hoolotaa irratti miidhaa guddaa geessisuun, hir’ina foonii, annannii fi du’a horiitiif sababa ta’u. Leenjifamtoonni keenya:
- Akkaataa sirrii itti samuda fudhatanii fi qophii laaboraatoorii barachaa jiru.
- Gosa raammolee hoolota keenya miidhan adda baasuun qoricha sirrii ta’e akka ajajaniif isaan gargaara.
- Beekumsa kanaan gara hawaasa horsiise bulaatti gad bu’uun tajaajila yaalaa fi gorsa ogummaa ni kennu.
Milkaa’ina Kolleejjii Poolii Teeknikaa Booree
Kolleejjii Poolii Teeknikaa Booree leenjifamtoota isaa dandeettii guutuu qabaniin ga’oomsuuf tattaaffii jabaa gochaa jira. Meeshaalee barnootaa guuttachuun barattoonni harka isaaniin akka hojjetan carraa uumuun, boru yeroo isaan gara hojii galan oomishaa fi oomishtummaa beeyiladaa akka dabalan abdii guddaa nuuf kenna.




