Addunyaan keenya saffisa hin dhumneen jijjiiramaa jirti. Teeknoolojiin har’a haaraa jedhamu bor moofaa ta’a. Haala kanaan, sirni barnootaa keenya, keessumaa Barnootni Teknikaa fi Ogummaa (TVET), jijjiirama kana waliin tarkaanfachuu danda’aa?
“Innovation in TVET” ykn Haaromsa TVET yommuu jennu, meeshaalee haaraa bituu qofa miti; itti yaadinsa keenya jijjiiruu dha. Qabxiilee armaan gadii kanaan dhimma kana gadi fageenyaan haa ilaallu.
1. Jijjiirama Bu’uuraa: Akkaataa Itti Yaadnu haa Jijjiirru
Barnootni TVET kanaan dura akka filannoo lammataatti ykn namoota qabxii kutaalee gubbaa hin finnetti ilamaama ture. Garuu har’a ilaalchi kun jijjiiramuu qaba. TVET’n utubaa dinagdee biyyaati. Fedhii gabaa fi hawaasaa irratti hundaa’uun, sirna barnootaa kanaan dura ture gara sirna dorgomaa fi deebii hatattamaa kennuutti jijjiiruun dhimma murteessaadha.
2. Barnoota Garas-duraa (Future-Oriented)
Barataan har’a baratu tokko ogummaa waggaa 10 dura tureen gabaa hojii har’aa keessatti milkaa’uu hin danda’u. Barnootni keenya Artificial Intelligence (AI), Teeknoolojii Qulqulluu (Green Energy), fi Dijitaalizeeshinii irratti xiyyeeffachuu qaba. Fuulduraaf qophaa’uun jechuun barataa rakkoo bor mudatu har’a furuu danda’u uumuu jechuudha.
3. Daangaa Mooraa Barnootaa Cabsuu
Barnootni daree qofatti hin dangeffamu. Haaromni dhugaan kan dhufu yoo manneen barnootaa fi warshaaleen (industries) waliin hojjetan qofadha. Barattoonni mooraa keessaa ba’anii addunyaa hojii qabatamaa keessatti yoo hirmaatan, dandeettiin isaanii dacha dhaan dabala. Haaromni daree barnootaa olitti, bakka hojiitti uumamuu qaba.
4. Invastimantii: Humna Namaa fi Maallaqa
Haaromni afaan qofaan hin dhufu. Inni kun invastimantii cimaa gaafata. Meeshaalee ammayyaa bituu, sirna barnootaa (curriculum) haaromsuu fi barsiisota keenya dandeettii dabalataa dhaan akka of ijaaran gochuun dirqama. Kaappitaala humna namaa irratti hojjechuun bu’aa hunda caalu argamsiisa.
5. Galma Keenya: Humna Namaa Ogummaa Qabu
Kaayyoon Haaromsa TVET inni dhumaa dargaggoota hojii dhabummaa jalaa baasanii, namoota of danda’an fi dinagdee biyyaa utuban uumuu dha. Humna namaa dandeettii qabu jechuun, biyya guddattu jechuudha.
Xumura
Barnoota Teknikaa fi Ogummaa (TVET) haaromsuun filannoo miti; dhimma jiraachuu fi dorgomuu dha. Yoo nuti har’a sirna barnoota keenya keessatti haaromsa (innovation) hin fane, bor gabaa addunyaa keessatti iddoo hin qabaannu. Hundi keenya qooda nurraa eegamu haa ba’annu!

Jabaadha
Thanks