Humna Dubartootaa Beekumsaan Gabbisuu!

Kolleejjii Poolii Teeknikaa Booree dubartoota keenya dandeettii ogummaa qofa osoo hin taane, ilaalcha (mindset) cimaa fi gahumsa korniyaa akka gonfatan gochuuf leenjii bal’aa kennaa jira.

Dubartoonni keenya Leenjii idilee cinaatti:

  • Leenjii Korniyaa Idileessuu (Gender Mainstreaming): Mirga, qixxummaa fi gahee dubartoonni misooma dinagdee keessatti qaban hubachiisuun, dhiibbaa korniyaa irratti hundaa’an ofirraa ittisuu danda’uu.
  • Leenjii Jijjiirama Ilaalchaa (Mindset Training): Sodaa keessoo ofii mo’achuun, “Nan danda’a” jechuun ogummaa teknikaa kanaan dura dhiira qofaaf dhiifaman keessatti akka milkaa’an sammuu isaanii ijaaruu.

Kaayyoo Kolleejjii keenya: Dubartoota ogummaan qaramanii, ofitti amanamummaa qabanii fi gabaa hojii keessatti dorgomoo ta’an horachuudha! Ogummaan saala hin qabu; dandeettii fi kutannoo qofa gaafata.

“Dubartiin baratte: Maatii ijaarti, biyya jijjiirti!”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Related Post